SAREE TA’UU ISHEE IYYUU BEEKTII LAATA?
Addunyaa har’aa kana keessa wantoota heeddutu jira. qabatamaniis ta’e yaadan jechuudha.
wantonni kun hundinuu garuu amalafi yaada mataa isaanii danda’e qabachuun isaanii immoo walirraa akka isaan adda tahanif Isaan gargaara.
sareen eenyu akka taate ofii ishee hin beekne saree ta’uu ishee dagatti. ta’us sareen sareedhuma.
Namnis kan inni bineensa irraa adda ittin tahu amala mataasaa danda’e qaba. akkasumaas wantoonni bineensa kan biroo irraa ilma namaa adda isa taasisu wantoota heeddutu jira.
nama ta’ee dhalachuun ilma nama iyyuu wanta uumama biroo irraa adda isa taasisu keesssaa isa tokkodha.
Namni addunyaa kana irraatti uumama jiran keessaa uumama gati-qabeessaafi gatiin isaa heedduu QAALII ta’eedha. Kana immoo beekuf arguu kan danda’u nama qaroo qabu qofaadha.
Namoonni addunya kana irratti eenyu akka ta’an of ilaalan heedduudha. garuu namoonni eenyu akka taa’an ofii isaanii argan muraasa. Koottu, Garee muraasa keessa ooluun akka ulfaatu beeka. garuu gatii baastee akka ati garee muraasa kana keessa ooltee ofii argituun si jajjabeessa!.
adunyaa gatii namaa hin beekne keessa jiraannuu iyyuu gatiin nama qaaliidha! yoo xiqqaate, gatiin nama kan saree irra ni caala!
kanafidha, QAROO FAMILY’n kan inni hundeffameef ilaaluu qofa utuu hin taane dhaloota arguu danda’u uumuf jechuudha.
Yaadota olitti kaafne ballinaan isiniif nan dhiyessa. isin immoo website’n kun akka inni guddatuf, akkasumaas yaadoonni asirraatti dhiyeffaman akka isin bira ga’aniif website kana hordofaan afferraakoo jaalalaati!!
of ilaalta taanan of argi kanan si jajjabeessa!
Habtaamuu Damee QAROO FAMILY irraa.
